Ishee: “Sababni ani sitti dubbachuu dadhabeef, gaa'elli sun gargar bahuu qofaan hin xumuramne.”
Ani qalbiikoo guutuu ishee dhaggeeffachuu jalqabus, sodaanshee hammaataa ture.
Ishee: “Erga ani si waliin jaalala jalqabee booda, abbaan mucaakoo sun deebi'ee na doorsisuu jalqabe.”
"Abbaa mucaakoo " yammuusheen jettu gurrakoo keessa na iyye. Hinaaffaa yookaan aarii ta'uu mala jedheen of-tasgabbeesse.
Ishee: “Inni akka ani si waliin hariiroo qabu baree ture.”
Isheen hafuura dheeraa baafachuu itti fuftus, salphumatti tasgabbaa'uun itti ulfaateera.
Ishee: “Inni akkas naan jedhee ture..” jettee gidduutti imimmaaniin hudhamte. Anis akkasheen boqonnaa fudhattuufin jajjabeesse.
Dhuma irratti sagalee ishee gadi-qabdee “Sii fi jaalalleekee.... lamaan keessaniyyuu nan ajjeesa.” jedhee natti dhaadate.
Yammus akka waanin waraana keessa galee gamaa fi gamanaan dhukaafamaa jiruutti natti dhaga'ame. Amman Yerooniin hubadhe jedheen ofitti hime. Anumtuu iddooshee bu'een sodaadheef.
Ana: “ Yaa Uumaakoo! Maal? Kun dhuguma?”
“Eeyyee dhugaakooti Abdiikoo.” jette ijasheerraa imimmaan haqachaa.
Itti fuftee.. “Inni dhaadannoo qofa miti. Duraanis miidhama qaamaa narraan geessisee ture. Sababa sanaan dugdikoo baay'ee na dhukkuba, halkan ciisuun dadhaba...” yammuusheeen jettu akkasheen haasaa kana addaan kuttee boqottuuf yaaluun jalqabe.
Amma egaa waan waggootaaf naaf hin galle tokkotu ifa ta'aa jira. Duraan Yeroon na irraa fagaachuunshee, jibbarraa akka maddettin yaadaa ture. Garuu yeroo sana ofiishee qofaaf osoo hin taane, anaafis sodaachaa turte. Sodaan immoo fageenya dhalche.
“Ani siif sodaadheen ture” jette mararfannoodhaan akka duraaniitti fuulakoo qaqqabachaa...
Jechi sun salphaa ture. Garuu ulfaatina isaa baachuun natti ulfaate.
Ishee: “Yoo ani siwaliin itti fufe inni si miidhuu danda'a jedheen sodaadhe. Animmoo osoo ati sababakootiin miidhamtee yoomillee dhiifama ofiif hingodhu Abdiikoo" jette natti siqxee ijakoo keessa ilaalaa....
Ana: “Sababuma kanaaf na dhiifte?”
Isheen mataa ishee suuta raastee “Eeyyee...dhugaa dubbachuuf si dhiisuu hin barbaannen ture garuu...”
Sagaleenshee suuta ciccitaa dhufe. Garuu harkasheetiin harkakoo qabattee akkan ishee komachuu hin qabne na amansiisuu itti fufte.
Ishee: “Garuu akka ati mufattee na jibbitu filachuunkoo, isa ati sababakootiin miidhamtu caalaatti salphaa natti fakkaatee ture..sanaafin murteesse ”
Wanti ani waggoota sana hunda akka jibbaatti hiikkachaa ture, amma hiika kanbiraa qabaachuu jalqabe. Yeroon na dhiistee turte; nadhiisuun ishee garuu na dagachuu hin taaneef. Narraa fagaachuunshee, na jibbuushee hin turre. Isheen nageenyakoof jecha fagaachuu filattee turte.
Ana: “Garuu maaliif anatti hin himne?”
Ishee: “Sababnisaa yeroo sana osoo dhugaa kana bartee, na gargaaruuf duubatti waan hin deebineef inni simiidhuu danda'a jedheen sodaadhe.”
Ana: “Ani si dhiisuu hin dandeenye taanaanoo?”
Isheen dubbiikoo kana booda kolfa fakkeessaa seeqxe. Garuu kolfi sun gammachuu hin qabu ture.
Ishee: “ Anis kanumaafin karaa kanbiraa filadhe. Akka ati natti aartee na jibbituufin mala qopheesse.”
Jechashee sanarraa ani waan tokkon hubadhe. Namni si jaallatu tokko si bira turuu caalaatti, fagaatee si baraaruu filachuu danda'a.
Jaalalli yeroo hunda harka wal qabachuu miti. Yeroo tokko tokko jaalalli nama jaallattu irraa of-fageessuudha. Maalifi? Akka inni nagaan jiraatuuf...Akka ati sababasaatiin hin miidhamneef...
Ishee: “ Kun hundi Uumameera garuu ani si jaallachuukoo hin dhaabne. Kanaafuu, sirraa fagaachuukoo akka waanin jaalalan siif qabu dhiisetti hin lakkaa'in, hin yaadinis.”
Jechishee kun sun na keessa seenuudhaan gad-fagaatee natti dhaga'ame. Egaa...Isheen waan na jibbiteef narraa hin fagaanne. Sababa garaagarummaa yaadaa qabnuufis miti, garuu na baraaruuf narraa fagaatte.
Edaa fageenyarrattis jaallachuun ni jira.
Garuu yeroo sana sammuunkoo gaaffii kanbiraa naaf dabale.
Ana: “Ayyaantuun iccitiikee kana hunda beektii?”
Yeroon gaaffii kana daftee deebisuu baattus, fuula ishee irratti jijjiiramni ta'e mul'ateera.....