# AYYAANTUU
#Kutaa 3ffaa
#Sodaa Amantii!
Ana: Egaa dhugaasaa baruu barbaadda taanaan Ayyaantuu jechuun anaaf maqaa qofa miti.”
Ishee :“Egaa maaliree?”
Ana : “ Waan addaa ani nama tokko keessatti argedhas.”
Ishee : “Akkamitti? jechuun waan akkamii? ”
Ana : “Ati nama kanbiraa fakkaachuu hin yaaltu.”
Isheenis na ilaalaa; “Namni hundi akkasuma bar.”
Ana : “Lakkii. Namni hundi ofii isaa ta'uu hin danda'u.”
Ishee : “Atihoo?”
Ana : “Anis barachaan jira.”
Isheen kolfaa; “Deebiikee amma illee hin hubanne.”
Ana : “Hubachuun dirqama miti.”
Ishee : “Egaa maaliif maqaa kana filatte?”
Ana : " Sababni isaa ati yeroo baay'ee callisuu keetiin-illee waan baay'ee akkan baradhu na goota. Gaaf-gaaf kolfikee waan tokko dubbata. Yeroo kaan immoo fageenyikee waan kanbiraa haasa'a. Argamuunkee immoo bakka ati jirtuuf miidhaginaa fi simboodha, yeroo ati jirtu qilleensa nagaatu qilleensa'a.”
Isheen yeroo dheeraa na ilaalaa turtee; dhuma irratti suuta jette:
“Ati nama waan hundumaa hiikuuf yaaluudha.”
Deebiinkoo; “Ati immoo nama waan hundumaa dhoksuuf yaaltuudha.” kan jedhu ture.
Isheenis akka seequu taate; garuu yeroo sana kolfi ishee akka durii hin turre. Akka waan jechikoo lapheeshee tuqetti kolfishee rifaatuun kan wal make fakkaata ture.
Sagalee laafaadhaan “Galatoomi,” jette.
Ana : “Sababa maqaa sanaatiif?”
Ishee : “Eeyyee.”
Ana : “Maqicha jaallatte?”
Ishee : “Eeyyee jaalladheera.”
Anaaf maqaan Ayyaantuu jedhu hiika akkamii akka kennu sirriitti isheedhaaf hin ibsine. Tarii hiikni maqichaa jecha tokkoon kan ibsamee xumuramu waan hin taaneef ta'a. Yookaan, miidhaginni ani ishee keessatti arge maqaa tokkoon ibsamee dhumuu hin danda'u ta'a. Guyyaa sana wanti ani hubadhe; Ani maqaa isheef moggaasuukoo, Isheenimmoo maqaa sana jaallachuusheeti.
Garuu Doktar Jaallannee duuba seenaa guddaan tokko akka dhokatee jiru waanin beeku hin qabun ture. Haaluma kanaan ji'ootaaf akkuma amalashee takka narraa fagaachaa takkammoo natti dhiyaachaa waliin hojjechaa turre. Yeroo dheeraa booda garuu amalashee jijjiiraa, hariiroo na waliin qabdus guddisaa dhufte. Guyya-guyyaatti mata-duree garagaraa irratti na waliin haasofti. Dur isheetu callisa amma garuu dabareekoo callisuuf naaf gama. Yoo ani callise immoo na lolti. Ammoo Ayyaantuu jalaa callisuun hin danda'aamu, ijishee nama marara, haasaanshee ni mi'aawa, kolfishee osoo jiruu mukaa'uun waan hin yaadamneedha.
Hammuma baay'ee walitti dhiyaachaa deemnu dubbiin keenya gara waa'ee jireenya dhuunfaa keenyaatti ce'uu jalqabe.
Isheen waa'ee jireenya dhuunfaakoo na gaafachuu jalqabde.
Ganama tokko osoo buna waliin dhugnuu; “Ati akkami garuu? Maatiinkee nagaasaaniitii?” jechuudhaan haasaa jalqabde. Anis gabaabseen haala maatiikoo itti hime. Callistee na dhaggeeffachaa, gaaffii kan biraa na gaafatte.
Ishee: “Ati kanaan dura hariiroo jaalalaa keessa turte?”
Gaaffiin sun isheedhaaf salphaa fakkaatus, anaaf salphaa hin turre.
Ani yeroo muraasaaf akka callisuu ta'een;
Ana: “Eeyyee hariiroo jaalalaa keessa tureera ”
Ishee: “Akkam ture?”
Anis haasa'uuf osoo natti ulfaatuu hafuura dheeraa baafachaa;
Ana: “Seenaansaa dheeraa dha ” jedheen deebiseef.
Isheenis kolfashee addaan kuttee, “Yoo barbaadde natti himuu dandeessa sin dhaggeeffadha.” naan jette.
Jecha 'yoo barbaadde' jedhu keessatti waan tokkotu naaf gale. Na hin dirqisiifne garuu akkan haasa'u yookaan dhiisuuf mirga naaf kennuusheeti.
Seenaa jaalalakoo kan kichuutti addaan cite suuta jedheen seenessuufii jalqabe.
Ana: “Maqaan ishee Yeroon jedhama”
Isheen xiyyeeffannaan na ilaalaa turte; akka miirri haasaakoo guddatuuf ijashee narratti dhiiste. Itti fuftee;
“Yeroon?”
Ana: “Eeyyee.”
Ishee: “Maal jechuu keeti?”
Ana: “Maqaa ishee Yeroon'dhakaa.”
Xiqqoo callistee,
Ishee: “Imm..Egaa maaltu addaan isin baase?”
Gaaffiin ishee sun bakka ani yaadu hin barbaadnetti na geesse.
Ana: “Sababnisaa kana sana siin jechuu hin danda'u ”
Ishee: “Egaa?”
Ana: “Waan hedduutu wal-keessa makame.”
Ishee: “Baay'ee jaallattaa turte?”
Ani kolfuu hin dandeenye. Suutuma jedheen;
Ana: “Baay'ee.”
Isheen ammallee ijashee narraa hin buqqisne.....