Biyyoota Sirna Seeraa 'Civil Law' Hordofan Keessatti, Murtiiwwan Manneen Murtii Sadarkaa Ol'aanuun Kennaman Manneen Murtii Jalaa Irratti Dirqisiisummaa Ni Qabaatuu?
=====√√√√=====√√√√√√======
👉Bu'aa seeraa murtiiwwan dursee mana murtii ol'aanuun kennaman manneen murtii jalaa irratti qabu ilaalchisee Biyyoota sirnoota seeraa 'Civil Law' (kana booda 'CL') fi 'Common Law' hordofan gidduutti garaagarummaan bu'uuraa akka jiru ni beekama. Byyoota sirnoota seeraa 'Common Law' hordofan keessatti murtiin manneen murtii ol'aanuun kennaman akka madda seeraatti manneen murtii jalaa kan fayyadaniifi dirqisiisummaa kan qaban (Stare decisis) yemmuu ta'u, biyyoota sirna seeraa 'Civil Law' hordofan keessatti immoo akka qajeeltootti, murtiin dursee manneen murtii ol'aanuun kenname manneen murtii jalaa irratti dirqisiisummaa hin qabaatan. Biyyoota kanatti, seerri abbootiin seeraa fayyadamuun ykn hiikuun murtii kennan koodii seera baastuudhaan (qaama ol'aanaadhaan) bahe waan ta'eef, murtii akka seeraatti lammii hunda dirqisiisu danda'u kennuufis aangoo waan hin qabneef sirnoonni seeraa kun murtiin akka madda seeraa tokkootti tajaajiluu danda'uufi dhabuu ilaalchisee garaagarummaa ni qabu jechuudha.
👉Kana jechuun, biyyoota sirna seeraa 'CL' hordofan keessatti murtiiwwan mana murtii isa ol'aanuun kennaman manneen murtii jalaatiin akka agarsiistuu kallattiitti (guidance) ykn akka maddaa dhimmi seeraa irraa hubannaatti (reference) itti fayyadamuu hin danda'an jechuu miti. Keessattuu, murtiin mana murtii isa ol'aanuun kennamu dhiibbaa uumuudhaan bu'aa amansiisummaa (Pursuasive effect) qabaachuu danda'a. Manni Murtii jalaa sababoonni mana Murtii isa ol'aanuun kennaman kan isa hin amansiisne yoo ta'e, fudhachuu dhiisuus ni danda'a jechuudha. Gama birootiin, yeroo amma kanatti, biyyoonni sirna seera 'CL' hordofan, biyya keenya dabalatee, manneen murtii ol'aanoo keessaa isa tokkoof, keessattuu Mana Murtii Waliigalaatiif aangoon hiikkoo seeraa dirqisiisaa kennuu seeraan akka kennamuuf taasisaa jiru. Kunis, dhimma sirnoota seeraa kana lamaan walitti fidaa jirudha jedhamee barreeffamoota garaagaraatiin ibsama.
👉Akkuma olitti kaasne, murtiiwwan manneen murtii ol'aanuun kennaman bu'aa dirqisiisummaa qabaachuu baatanillee, manneen murtii tilmaamummaafi walfakkaattummaa murtii mirkaneessuuf dirqama waan qabaniif, kana ta'uu baannaan mirgi walqixxxummaa lammileen heeraan qaban sarbamuu waan danda'uuf, murtiin mana murtii ol'aanuun kennamus ulfaatina ol'aanaa (sababoota cimaa) qaba jedhamee waan yaadamuuf, dubbifamee sababa irratti hundaa'amee fudhatamuufi fudhatamuu dhabuun galma gahiinsa kaayyoo olitti ibsineetiif waan jajjabeeffamudha.
👉Sababoota maaliif manneen murtii jalaa kan isa oliitiif abboomamuu qabu ykn naamusni oleen (vertical discipline) jiraachuu qabaata kan jedhu ilaalchisee barreessaan tokko akka kaa'etti:
"..the justifications … are fairly obvious. Just as children are expected to obey their parents even when they disagree, as privates are expected to follow even those orders from sergeants they believe wrong, as Catholics are expected to follow the dictates of the pope even if they think those dictates mistaken, and as employees are expected to follow the instructions of their supervisors, lower courts judges are expected to follow the “instructions” of those courts above them in what the military calls the “chain of command” jedha. Yaadni kun qajeelfamoota kallattiidhaan kennaman qofa osoo hin taane murtiiwwan manneen murtii jalaa diiganis kan ilaallatanidha jechuudha.
.....itti fufa....
Join:-@desberofMM
Desalegn B.